Lambee Daannaa- Aadaa jaarsummaa Haadiyyaa

You are currently viewing Lambee Daannaa- Aadaa jaarsummaa Haadiyyaa

‎AMN PLUS- Sadaasa 26/2018

‎Manguddoon Umrii ganna 90 Abbaan Gadaa Haadiyyaa Addisee Mandagoo, sirni jaarsummaa saba Haadiyyaa “Lambee Daannaa” akka jedhamu himan.

‎Abbaan Gadaa Saba Haadiyyaa Addisee Mandagoo AMN PLUS waliin turtii kan taasisan yoo garaagarummaan yaadaa ykn wal dhabdeen uumame sabni Haadiyyaa “Lambee Daannaan” dubbii furata jedhan.

‎Baay’inni jaarsota “Lambee Daannaa” irratti hirmaatanii 6 hanga 8 ta’uu akka danda’an ibsaniiru.

‎Garuu dhimmi ilaalamu cimaa yoo ta’e baay’inni jaarsolii dabalu akka danda’us Abbaan Gadaa Saba Haadiyyaa Addisee Mandagoo himaniiru

‎Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo isaaniitti kabajamuun akka isaan gammachiise ibsaniiru.

‎”Nuti lammileen Itiyoophiyaa waloofi tokkummaan yoo dhaabbanne laga kamuu ce’uu, gaara kamuu ba’uu dandeenya” kan jedhan manguddoon kuni” agarsiiftun kanaa ammoo injifannoo Adawaafi Hidha Haaroomsa Guddicha Itoophiyaati” jedhan.

‎Labatni har’aas nageenyaa eeguufi misooma irratti akka hirmaataniif Abbaan Gadaa Haadiyyaa kuni dhaamsa dabarsaniiru.

‎Guddataa Ajjamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply