Qacceewwan Waancaa Addunyaa

You are currently viewing Qacceewwan Waancaa Addunyaa

AMN PLUS – Sadaasa 27/2018

Waltajjii ispoortii guddaa addunyaati. Beekamtii kubbaa miilaan horateen namoonni biiliyona 3 ol ta’an dorgommii waggoota afur afuriin adeemsifaman kana ni daawwatu. Dirree wal geettii biyyoota addunyaafi taphattoota qaqqaxaleeti Waancaan Addunyaa.

Taphoota gurguddoo, qabxii gaabbisiisaafi gaaddisiisaan Waancaa Addunyaan galmaaeera. Faallaa kanan deeggartoonni, jaallattoonni ispoortii addunyaa ittiin bohaaraniiru.

Waancaan Addunyaa tapha kubbaa miilaa qofa osoo hin taane waltajjii biyyoonni bilisummaafi guddummaa isaani itti labsataniidha. Uraagaay bara 1930 yeroo jalqabaaf biyya Waancaa Addunyaa injifatte ta’uu galmeen seenaa ni ifoomsa.

Wayita maqaan waancaa addunyaa ka’u biyyoonni hedduun irratti hirmaatanis, seenaa waltajjichaan dhiibbaa guddaa uumaniifi milkaa’ina galmeessaniin adda duree taphattoonni waamaman muraasa.

Waancaa Addunyaa yeroo sadii injifachuun dorgomaa kan hin qabne Peeleen taphattoota gurguddoo waltajjichaafi addunyaa yeroo maraa ta’uun adda dureen waamama.

Dandeettii kubbaa miilaa tilmaamuuf nama rakkisuun kan kuulame, bara 1986 Ingiliz irratti harkaan goolii lakkoofsisuun Arjentiinaan Waancaa Addunyaa akka injifattu kan taasise har’a “Hand of God” Goal of the century jedhamuun kan yaadatamu Diyaagoo Armaandoo Maaraadoonaadha.

Warqee kubbaan miilaa itti boontu, bara 2022 waancicha kan injifate amma lammeeffachuuf hamuummachaa kan jiru Liyoonel Andiriyees Mesiininis isa tokko.

Kiristiyaanoo Roonaaldoon Waancicha injifachuu haa baatu malee taphataa cimaa yeroo maraa ta’uun addunyaa kubbaa miilaatti simboo dabaleera.

Keessumaa morkii cimaan Liyoonel Mesiifi Roonaaldoo gidduutti mula’chaa jiru bara baraan seenaa irratti galmaa’uun dhaloota booda jiraniif haamilee guddaa ta’eera.

Kiiliyaan Imbaappeenis seenaa keessatti tapha xumura waancaan gooliiwwan sadeessoo yookiin hatiriikii hojjechuun taphattoota ciccimoo muraasa maqaan isaanii waancaa addunyaan goobanee mulatuudha.

Taphoonni hin dagatamne waltajjichaan adeemsifameera. Bara 2006 morkiin Poorchugaaliifi Neezerlaandi gidduutti adeemsifame tapha dirree waraanaa, tapha naasisaafi jibbisiisaa jedhamuun beekama.

Tapha jalqabaa kaase hanga xumuraatti kaardii diimaa 4fi keelloon 16 itti kennameedha. Taphattoonni tapha dhiisanii balleessaa ciigaasisaa walitti raawwachaa turaniidha.

Waancaa Addunyaa yeroo jalqabaaf bara 2010 Afrikaatti qophaa’een taateen morkii Uraagaayiifi Gaanaa gidduutti ta’e ajab kan nama jechisiisuudha.

Luwiis Suwaarez kubbaa harkaan goolii keessaa baasuun kaardii diimaan dirreedhaa bahe. Gaanaan rukuttaa adabbii argatte Asamoha Jiyaan osoo itti hin fayyadamiin hafuun Walakkaa xumuraaf hanqattee haras onnee deeggartootaa keessaa kan hin badneedha.

Morkin xumura waancaa bara 2022 Firaansiifi Arjentiinaa tapha xumura waancaa addunyaa yeroo maraa ta’uun leellifamaa jira.

Waancaan addunyaa bara 2026 hawwiin eegamaa jiru baatiiwwan muraasa booda eegala. Biyyoota 48 keessaa 42 darbuu yoo mirkaneeffatan 6 ammoo taphoota moo’atanii darbuu gaggeessuun kan itti dabalaman ta’a.

Kan yeroo kamuu caala xiyyeeffanna olaanaa kan argate dorgommichi sirni ramaddii baasuu kaleessa galgala Ameerkaa Washingitan DC’tti adeemsifameera.

Dorgommichi Liyoonel Mesiifi Kiristiyaanoof kan xumuraa ta’uu hordofee, milkiin goolabuuf morkiin isaan taasisan ni eegama.

Yoo ramaddii isaanii olaantummaan irra aanaan nuusa xumuraan carraan Meesiifi Kiristiyaanoo walitti fidu jiraachuun isaa gamanumaa hawwattummaa dabaleera.

Ameerikaa, Kaanaadaafi Meeksikoon waancaa addunyaa karaa addaa ta’eefi madaaluun keessummeessuuf qophii isaanii goolabaa jiru.

MetLifefi BC Place Vancouver dabalatee istaadiyeemonni hedduun bifa sadarkaaa isaanii eeggataniin haaroomfamiiru.

Waltajjichaan taphoonni 104 turtii guyyoota 39 keessatti keessummeeffamu. Gareewwan afur afur ramaddii 12tti qoodamanii yoo morkatan ramaddi isaanii keessaa 1ffaafi 2ffaan kan xumuran kallattiin akkasumas qabxii gaarii galmeessuun sadarkaa 3ffaan biyyoonni xumuran marsaa 32ffaatti kan darban taa.

Ameerikaan nuusa xumuraafi xumura waancaa dabalatee taphoota 78 , Kanaadaafi Meeksikoon walqixa taphoota 13 sadi kan keessummeessan ta’a.

Waancaan addunyaa ispoortiirra kan darbe dirree siyaas diinagdeefi dippiloomaasii taeera. Kan bara 2026 daran ulfaataa ta’aan eegama.

Dachaasaa Dhaabiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply