Warqeen biqiltuu gogiinsa dandamachuu osoo latiinsa isaa dhaabin yeroo dheeraa turuu danda’uudha.
Biqiiltuun Warqee biqila Nyaataafi faayidaa addaa addaaf ooluu yoo ta’u, Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti beekamaadha. Naannoolee biroottiis darbee darbee ni dhaabama.
Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti garuu bu’aaleen warqee nyaata aadaa isaanii isa duraati. Sorataafis, ijaarsaa manaafi meeshaalee faayaa irraa hojjachuunis itti fayyadamu.
Kanumarraa ka’uun Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Gudina Guraagee Magaalaa Walqixxeetti Siidan biqila Warqee dhaabbate eebbifameera.
Bulchaan Godina Guraagee Obbo Laacaa Gaaromaa, warqeen ibsituu Saboota Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa ta’uu himaniiru.
Jiraatan Naannichaa warqee foonaa isaa keessaa dhabes hin jiru jedhan.
Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa Saboota 10 kan of keessatti hammateedha kan jedhan Obbo Laacaan, Siidan Warqee ijaarames baalli isaa 10’n ta’uu ibsan. Kunis saboota 10’n kan bakka bu’e ta’uu agarsiisufi jedhaniiru.
Guyyaa ayyaana Saboota, sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti kabajamu sababeeffachuun Siidichi kan ijaarame ta’uus dubbataniiru.
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaan Mata duree “Waliigaltee Dimokraatawaa Tokkummaa Sabdanneessaf” jedhuun Sadaasa 29/2018 Magaalaa Hoosaanaatti kabajama.
Guddataa Ajjamaatin