Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa hundeeffama Waggaa 30ffaa kabajachaa jira

You are currently viewing Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa hundeeffama Waggaa 30ffaa kabajachaa jira

AMN PLUS- Sadaasa 27/2018

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa Waggaa 30ffaa hundeeffamasaa iddoo hoggantoonni naannoo fi yuunivarsiitichaa argamanitti kabajachaa jira.

Hogganaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr. Abdulaziiz Daawwid Yunivarsitichi qaawwa dandeettii raawwachiisummaa Hoggansa Naannoo Oromiyaa bira ture duuchuu keessatti qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kalaqa, Saayinsiifi teekinooloojii hidhachuun biyya misoomteefi badhaate dhaloota egeree dhaalchisuuf kutannoo cimaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kaayyoo kana milkeessuuf hojiin Manneen Barnootaa Bu’ura Boruu, Bultii addaa Ifa Boruu, Inistitiyuutiin Teekinooloojii Oromiyaa fakkeenya ijoo eeraman tahuu himaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramuu Hulluuqaa yuunivarsitichi waggaa 30 dura bara 1988 yeroo hundeeffamee kaasee, bu’aa bahiifi adeemsa guddinaa arifachiisaa keessa darbee kan har’a gahe tahuu ibsaniiru.

Kanaaniis Siivil Sarvaantiifi Hoggansa Naannoo Oromiyaa Leenjisuufi Gahoomsuun Naannicha keessatti jijjiiramni olaanaan akka galmaa’uuf gahee guddaa gumaachuu ibsaniiru.

Kana malees, hojii tajaajila ummataatiin Yunivarsitichi manneen harka qalleeyyii ijaaruu, barattoota ciccimoo addatti deeggaruufi kanneen harka qalleeyyii tahaniif meeshaalee deeggarsaa gumaachuu ifoomsaniiru.

Ergama Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaaf kenname caalaatti milkeessuufi akka naannichaa fi biyyaattiis gahee irraa eegamu bahachuuf kana caalaa kan hojjatu tahuu himaniiru.

Mahaammad Toofiq tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply