Qabeenya Turizimii qabnu adduunyaaf beeksisuun gahee qaama hundaati- Obbo Solomoon Taammiruu

You are currently viewing Qabeenya Turizimii qabnu adduunyaaf beeksisuun gahee qaama hundaati- Obbo Solomoon Taammiruu

AMN PLUS- Sadaasa 27/2018

Guyyaa Turizimii Adduunyaa 46ffaa sababeeffachuun Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baaleetti daawwannaan taasifameera.

Daawwannaa kana irriitti AMN Sagalee Dhalootaa! Dabalatee midiyaalee garaa garaafi rogeeyyiin miidiyaa irratti hirmaataniiru.

Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa fi Hogganaan Damee Tuuriizimii Obbo Salamoon Taammiruu, qabeenya dilbii akka biyyaatti qabnu adduunyaaf beeksisuun miidiyaaleerraa eegama jedhan.

Kanaan dura tuuriizimiidhaaf xiyyeeffannoon qabeenya biyyattii madaalu akka hin kennamne dubbatanii yeroo ammaatti garuu kallattii Muummichi ministeeraa kennan hordofuun iddoowwan hawwata tuuriizimii kanaan dura turan misoomsuun idoowwan haaraa tuuriizimiif oolan beeksisuun tuuristoota biyya keessafi alaaf banaa gochaa jiraachuu himaniiru.

Itti gaafatamaan Damee Turizimii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee Obbo Garramoo Maabiraatuu,Yeroo ammaa xiyyeeffannoo mootummaan damee turizimiitiif kennee hojjachaa jiruun yaa’iinsi turistootaa gara paarkichaatti taasisan dabalaa jirachuu eeraniiru.

Ayyaantuu Geetaaneetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply