Sagalee dhalootaa kan ta’e Addis Miidiyaa Neetiwork marii kallattii kutaalee 19 qabu atileetota, leenjistoota, fi qooda fudhattoota hirmaachise adeemsisaa jira.
Kufaatii gama atileetiksiin waggoota muraasaa as Itoophiyaa mudataa jiran ilaalchisee yaada furmaataa lafa kaa’uu irratti fuuleffachuun qaamolee garaa garaa wajjin marii taasisaa jiraachuun ni yaadatama.
Waltajjiin marii paanaalii itti fufiinsa qabuu fi hunda hirmaachise kun mata duree “Guddina atileetiksii keenyaaf hundi keenya gahee keenya haa baanu” jedhuun adeemisifamaa akka jiru ibsameera.
Marii paanaalii kanarratti Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Komaandar Silashi Sihinin, bakka bu’oonni Ministeera Aadaa fi Ispoortii, leenjistoonni, fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin