Itoophiyaan dahoo godaantotaa ta’uun gocha fakkeenyummaa qabu raawwataa jirti- Dhaabbata Godaansaa Idil-addunyaa (IOM)

You are currently viewing Itoophiyaan dahoo godaantotaa ta’uun gocha fakkeenyummaa qabu raawwataa jirti- Dhaabbata Godaansaa Idil-addunyaa (IOM)

‎AMN PLUS-Mudde 1/2018

‎Itoophiyaan godaantota miliyoona tokko caalaniif dahoo ta’uun kutannoon agarsiifte gocha michooma dhugaa akka ta’e Itoophiyaatti Bakka Bu’aan Olaanaa Dhaabbata Godaansaa Idil-addunyaa (IOM) Abiibtuu Waanee ibsan.

‎Sadarkaa addunyaatti lakkoofsi godaantootaa dabalaa dhufuun lakkoofsi godaantotaa miliyoona 90 tti siqan keessaa garri caalu biyyoota Afrikaa keessatti akka argaman ibsameera.

‎Itoophiyaa keessaa godaantota biyyoota adda addaa irraa dhufan kan argaman yoo ta’u, hojiileen buufata godaantotaa qopheessuuf dandeessisan hojjatamaa turuu eerameera.

‎Gochaan akkanaa irraa kan ka’e Itoophiyaan Afrikaa keessatti godaantota hedduu keessummessuun tarree biyyoota godaantota baay’ee simatanii keessa galuu dandeesseetti.

Kana bira dabree yeroo adda addaatti sadarkaa idil-adduunyaatti beekamtiifi dinqisiiffannaa akka argatte ibsameera.

‎Itoophiyaan yeroo dheeraaf aadaan godaantota simachuu biyyatti idil-aduunyaan waliigaltee mallatteessuu ol akka ta’e Abiibtuu Waanee dubbataniiru.

‎Itoophiyaan godaantota simachuu qofa osoo hin ta’in sochii jireenya hawaasummaa fi diinagdee biyyattii keessatti akka hirmaatan taasisuuf hojjatamuu eerameera.

‎Walumagalatti Itoophiyaan godaantoota keessummeessuuf gochaa fakkeenya qabu raawwachaa akka jirtu Dhaabbatni Godaansaa Idil-addunyaa (IOM) beeksisuu TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply