Poolisiin Federaalaa Tiiktookara Adoonaay Birhaanee H/mikaa’el to’annoo jala oolchuun qorannoo irratti eegaluu beeksise.
Adoonaay to’annoo jala kan oole, kana dura yakka uffannaa duudha hawaasa Itoophiyaan faallaa ta’een shakkamuun namoota 5 to’annoo jala oolan waliin dhimmoota walqabatuun to’atamuu Poolisiin Federaalaa odeeffannoo AMN Dijitaaliif ergeen beeksiseera.
Beekamtiifi mallaqa argachuuf qofaa, miidiyaalee garagaraa fayyadamuun dargaggoonni naamusaan bocamanii biyya isaaniif bu’aa akka hin buusne ergaawwan hin malle warreen tamsaasan irratti Poolisiin tarkaanfii eegale cimsee akka itti fufu eereera.