Duulli Talaallii Dhibee Pooliyoo Marsaa 4ffaan Mudde 3 kaasee guyyootii afuriif kennama

You are currently viewing Duulli Talaallii Dhibee Pooliyoo Marsaa 4ffaan Mudde 3 kaasee guyyootii afuriif kennama
  • Post category:Fayyaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS – Muddee 2/2018

Akka Magaalaa Finfinneetti Duulli Talaallii Pooliyoo marsaa 4ffaan daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’eef Mudde 3-6 bara 2018 kan kennamu ta’uu Hoogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa ibsaniiru.

Dhibee Pooliyootiif Qorichi fayyisu kan hin argamne ta’uu himanii dhibee kana karaan ittisuun danda’amu inni guddaan Talaalliidhaan qofadhaa jedhan Dr.Yohaannis.

Akka Magaalaa Finfinneetti, Duula Talaallii Kanaan Daa’imman Kuma dhibba toorba ta’an kan talaalchifaman ta’uu ibsanii gareen 869 ogeeyyii fayyaa baayyinni isaanii 4028 ta’an hojii kanaaf ramadamuus eerameera.

Duulli Talaallii Kun manaa manatti, Buufataalee Fayyaatti, mana barnootaattiifi giddugala oolmaa daa’immaniitti kan kennamu waan ta’eef, maatiinis ta’ee guddistoonni akkasumas qaamoleen dhimmi isaan ilaalu hundi daa’imman akka talaalchisan ibsa kennamerraa hubatameera.

Haaluma walfakkaatuun duulli talaallii marsaa lammaffaan ji’a tokkoon booda akka kennamus eeraniiru.

Abdiisaa Fufaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply