Inistiitiyuutiin Meetiyoorooloojii Itoophiyaa raaga haala qilleensa guyyoota itti aanan10 ilaalchisee ibsa baaseen naannolee Kaaba, Baha, Giddugaleessaafi lafa olka’oo Kibbaatti gara bariifi halkan qorri akka hammaatu beeksiseera.
Haalli qilleensa gogaafi aduun walmake naannolee biyyattii hedduu keessatti bubbisuun akka itti fufu Inistiitiyuutichi beeksiseera.
Guyyoota kurnan itti aananiif qilleensi gogaafi diilallaa’an Saayibeeriyaa irraa dhiibbaa guddaan gara Itoophiyaatti bubbisu cimee akka itti fufu raagaaleen lakkoofsaa akka mul’isan beeksiseera.
Haalli diilallaa naannolee tokko tokkoo digirii seenti gireedii 5 gadi akka ta’uu danda’u eerameera.
Naannolee Kaaba, Kaaba Bahaa, Baha, Giddugaleessaafi baddaa Kibbaatti qorri halkaniifi afaan lafa barii cimee kan itti fufu ta’uu akka danda’u beeksiseera.
Bakka tokko tokkotti hurriin kan uumamu yoo ta’u, naannoolee Kibbaafi Kibba bahaa iddoo tokko tokkotti ammo roobni salphaan akka jiraatu raagaan haala qilleensaa Inistiitiyuutichaa ni agarsiisa.
Naannolee Kaaba Lixaa, Lixaafi Kibba Lixaatti roobni salphaan jiraachuu akka malu raagaan haala qilleensaa Inistiitiyuutichaa ni mul’isa.