Kaansarii Dhiigaarraa yaalamuuf birrii miiliyoona 6 gaafatame- Artist Tasammaa Galataa

You are currently viewing Kaansarii Dhiigaarraa yaalamuuf birrii miiliyoona 6 gaafatame- Artist Tasammaa Galataa

‎AMN PLUS – Mudde 1/2018

“Ari’atamee bakkan qubadhu dhabee. Umuriikoo Aartii Oromoo guddisuun fixe malee waanan harkatti qabadhe hin jiru” jedha Artiist Tasammaa Galataa.

Dhibee Kaansarii Dhiigaan erga sireerratti kufee amma waggaa tokko ta’eera jedha Turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen.

‎Waggaa 30′ ol aartii keessa kan ture Artist Tasammaan, “Finfinneetti aartii yeroo eegalle yoo baanufi gallu ari’atamaa, arrabsamaa dabarsine” jechuun yaadata.

Yeroo Afaan Oromootiin dubbachuun hin dandaa’amnetti xiiqiidhumaan umuriikoo Aartii Oromoo guddisuuf hojiikoo hedduu tola ooltummaan hojjedhe malee of jijjiiruufi harka koo irratti homaa hin gudunfanne jedheera.

‎Artist Tasammaan barreessaa, Taatoo, diraamaa gaggabaabaafi dheeraa, Fiilmiifi beeksisa adda addaa irratti miidiyaalee hedduun, Raadiyoo,Televizhinii, VCD fi waltajiidhaan Aadaafi seenaan Uummata Oromoo akka mul’atuuf hojjechaa tureera.

‎Abbaa Aartii Oromoo kan ta’e Artist Tasammaan, diraamaa isaa “Haa dhufan hundi isaanii” jedhuun kan beekamu yoo ta’u, “Har’a dhibamee ciisuunkoo waggaa 1 guuteera” jedha.

‎Amma deddeebiidhaan Hospitaala Paawuloositti yaalamaa jira.

‎Dabalataanis dhibee onneefi ol-ka’iinsa dhiigaa waan qabuuf isa ammoo Hospitaala Pheexiroositti akka yaalamaa jiru kaasuun, qorichi dhibee tokkoof fudhatu dhibee biraa itti hammeessuun rakkoo ulfaataa keessa akka jiru himeera.

‎Sadarkaan dhibee isaa Hospitaala biyya Hindiitti yalamuu akka qabu Hospitaalli Phaawuloos itti himuun, Xalayaan kennamuufii hima.

‎Garuu jedha Artisti Tasammaan, “Hospitaala biyya Hindii waliin dubbatamee birrii Miliyeena 6 waan na gaafataniif humnasaa dhabeen asumatti qoricha bitachaa yaalamaa jira” jedhe.

‎Artisti Tasammaan, ijoollee isaa barsiisaa mana kiraa keessa akka jiraatu himuun, Hamma harratti asumattuu yaalamuunkoo waan uummannikoo na gargaareefi jechuun galateeffateera.

‎”Miindaa hin qabu hojjedheen waanan argadheen jiraachaa ture ergan ciise waanan ittiin jiraadhu hin qabu” jedha.

‎Koree deeggarsaaf hundaa’e kan Aartisti Jimaa Galataafi Kadir Filatoofaan dursaniin deeggaramaa turuufi ammas lakkoofsa herrega dhuunfaa Tasammaa Galataa jedhu irratti deeggarsi kan galfamu ta’uu himameera.

‎Ammas jedha Artist Tasammaan “uummatni biyya keessaafi Alaa jiraatu Waaqa naaf haa kadhatu, waan danda’uunis naaf haa birmatan” jechuun dhaammate.

“‎Yoo Waaqayyo na fayyise gara hojiikootii Aartiitti deebi’uudhaan uummata na jaallatu gammachiisuudha hawwiinkoo” jedheera.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply