Baankiin Gadaa Kuufamni Maallaqaa isaa Birrii Biliyoona 7 ol ga’uu beeksiseera.
“Baankiin Gadaa haala rakkisaa keessatti baasii isaa xiqqeessuun bu’a qabeessa ta’uu danda’eera” Jedhan Walitti Qabaan Boordii Baankii Gadaa Hasan Huseen (PhD).
Maamiloota waliigalaa kuma 500 fi Kuma 75 ol ta’an horachuu ibsaniiru.
Kuufamni maallaqaa baankichaa birrii Biliyoona 7 fi Miliyoona 100 ga’uu eeruun, kanaan baankichi bara kana galii qulqulluu birrii Miliyoona 300 fi Miliyoona 42 argachuusaa yaa’ii Idilee 4ffaa Abbootii Aksiyoonaa waliiin Magaalaa Finfinneetti har’a adeemsise irratti beeksiseera.
Baankiin Gadaa damee isaa daran babal’isuun,Tajaajila Baankii Diijitaalaas jalqabsiisuun kenna tajaajilaa si’ataafi dhaqqabaa kennaa jiraachuus himameera.
Abdiisaa Fufaatu gabaase