Magaalaa Bishooftuutti waltajjiin marii Uummataa kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachise mata-duree “Misraachoo Gubaa; Injifannoowwan Mootummaa Ida’amuu” jedhuun mari’atamaa jira.
Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, Mootummaan jijjiiramaa rakkoolee turan dandamachuun hawaasa fayyadamaa taasisuuf cichoominaan hojjechaa jira jedhan.
Bulchiinsi magaalichaas gaaffilee hawaasarraa ka’an deebisuuf
yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuus himan.
Maricharratti kan argaman Ministirri Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nugusee, Pirojektoonni gurguddoon mootummaa jijjiiramaan Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran, Badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf carraaqqii biyyattiin taasisaa jirtu agarsiisa jedhan.
Daandii xiyyaaraa akka Afrikaatti guddaa Magaalaa Bishooftuu keessatti ijaaramu akka fakkeenyaatti eeran.
Daandiin Xiyyaarichaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuurra darbee guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa akka qabus himaniiru
Marii kanarratti Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Affaar obbo Mohaammad Huseenfi hoggantoonni biroon argamaniiru.