Arsenaal goolii Wolvis ofirratti lakkoofsise lamaan qabxii 3 milkeeffate

You are currently viewing Arsenaal goolii Wolvis ofirratti lakkoofsise lamaan qabxii 3 milkeeffate

AMN PLUS- Mudde 4/2018

Tapha torbee 16ffaa Piriimiyerliigii Ingilaandiin Arsenaal dirreesaarratti Wolvis keessummeessee 2-1’n injifate.

Daqiiqaa 70ffaa irratti taphataan Wolvis Joonistoones ofirratti lakkoofsisuun Arsenaal dursa qabate.

Wolvis, daqiiqaa 90ffaa irratti goolii Arokodaaree irraa argateen walqixa ta’ee ture.

Hata’uutii Arsenaal abdii osoo hin kutatin haga xumuraatti ifaajee, daqiiqaa 94ffaa irratti taphataan Wolvis biraan Maskuweeraan goolii ofirratti lakkoofsiseen Arsenaal qabxii 3 guutuu fudhatee ba’uun dursummaasaa cimsateera.

Arsenaal qabxii 36 yoo dursu, Maanchester Siitiin tapha tokko osoo hafuunii qabxii 31’n 2ffaarra jira.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply