Waggaatti Namootni Kuma Tokkoo haga Kuma Lamaa ta’an dhibee HIV/AIDS’n lubbuu isaanii dhabu- Biiroo Fayyaa Oromiyaa

You are currently viewing Waggaatti Namootni Kuma Tokkoo haga Kuma Lamaa ta’an dhibee HIV/AIDS’n lubbuu isaanii dhabu- Biiroo Fayyaa Oromiyaa
  • Post category:Fayyaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS- Mudde 6/2018

Guyyaa har’aa Magaalaa Mojootti guyyaan HIV/AIDS akka Naannoo Oromiyaatti marsaa 37ffaaf kabajameera.

Guyyaan kunis Biiroo Fayyaa Oromiyaafi Waajjira Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Magaalichaan qindaa’uun deemsa miilaafi sochii ispoortiin kabajame.

Guyyaan HIV/AIDS dhaadannoo “Rakkoolee Dandamachuun, Ittisaafi To’annoo HIV/AIDS itti fufiinsa qabu haa mirkaneessuun” jedhuun kabajamuu ibsameera.

Hogganaan Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Guushaa Balakkoo, dhibeen HIV/AIDS rakkoo hawaas-diinagdee guddaa ta’aa jiraachuu kaasaniiru.

Namoota dhibee kanaan lubbuun darban yaadachaa, namoota dhibeen kun dhiiga isaanii keessa jiru irratti qoolifannaa tokko malee kunuunsa namoomaa barbaachisu taasisuun hunduu ga’ee irraa eegamu akka ba’u illee yaadachiisaniiru.

Naannoo Oromiyaatti waggaa waggaan namoonni kuma 9 hanga Kuma 10 kanaan kan qabamaniifi namoonni kuma 1 hanga Kuma 2 kan du’an ta’uu ibsaniiru.

HIV/AIDSn Saba, amantaafi gosaan utuu adda hin qoodne waan ta’eef “Irraa of qusachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Mojoo Obbo Gaazaalii Hashuu HIV/AIDS ittisuufi to’achuu keessatti qoodni hawaasaa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Madda: BKO

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply