Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa kan dhufan Ministira Muummee Indiyaa Neeraandraa Moodii simataniiru.
Simannaa kana booda Mr. Moodiin ergaa karaa Twitter (X) isaaniin afaan Amaaraan dabarsaniin “Sirna aadaa bunaan, simannaa Dooktar Abiyyi taasisaniif galateeffataniiru.
Itoophiyaan biyya seenaa guddaafi aadaa miidhagaa qabdudha ta’uushee Neeraandraa Moodiin eeruun, Itoophiyaa fi Indiyaan walitti hidhamiinsa qaroominaa cimaa akka qaban ibsan.
“Ammas tumsa dam-daneessa qabnu caalmaan cimsuuf Itoophiyaa waliin mari’achuuf qophiidha” jedhaniiru.