‎Dargaggootni seenaafi aadaa beekanii guddina biyyaaf gumaachuu qabu- IQQO

You are currently viewing ‎Dargaggootni seenaafi aadaa beekanii guddina biyyaaf gumaachuu qabu- IQQO

‎AMN PLUS -Mudde 7/2018

‎Dhaloota seenaa, aadaafi safuusaa beekee guddina biyyaatiif gahee isaa bahatu horachuuf hojjachaa jiraachuu Inistiitiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoo (IQQO) beeksiseera.

‎Korri Dargaggoo Oromoo qindeessummaa Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoofi Biroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatiin qophaa’e mata duree “Aadaafi duudhaa keenya ganamaatti deebi’uun dhaloota safuun bulu haa ijaarru” jedhuun Yuunivarsiitii Bulee Horaatti adeemsifameera.

‎Daayirektarri Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo Dirribaa Tarrafaa (PhD), “Mootummaan Naannoo Oromiyaa seenaa, aadaa, duudhaafi aartii Oromoo karaa saayinsawaafi guddummaa sabichaa madaaluun akka qoratamu xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jira” jedhan

‎Inistitiiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoo hanga ammaatti hojii jajjabeessaa hojjechaa tureen kitaabilee seenaafi aadaa sabichaa mul’isan afaanota adda addaatiin qoratamuun akka maxxanfaman taasisuu ibsan.

‎Hooggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa, dargaggoonni naannichaa aadaa dubbisuufi aadaa hojii guddifachuun fayyadamummaa diinagdee isaanii guddifachuu qabu jedhan.

‎Kantiibaan Magaalaa Bulee Horaa Obbo Waaree Gadaa gamasaaniin, akkuma dargaggoonni kaleessaa dargaggoota har’aatiif bu’uura ta’an dargaggoonni har’aas biyya isaanii jaalachuufi gahee isaanii bahuu akka qaban dhaamaniiru.

‎Dargaggootni aadaa hojii cimaa qabaachuu, wal qoodinsaafi jibbarraa bilisa ta’uun wal kabajuu, waldhaga’uufi muuxannoo waliif qooduun jiruufi jireenya isaanii jijjiirrachuu akka qaban dhaamaniiru.

‎Kora kanarratti qorannoowwan 3 hayyootaan dhiyaachuun irratti mari’atamuu odeeffannoon Komunikeeshinii Inistitiyuutichaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply