Itoophiyaan Pirojektoota Biyyootni Afriikaa hundi irraa barachuu danda’an hojjataa jirti

You are currently viewing Itoophiyaan Pirojektoota Biyyootni Afriikaa hundi irraa barachuu danda’an hojjataa jirti

AMN PLUS- Amajjii 26/2018

Itoophiyaan Pirojektoota Meeggaa Biyyootni Afriikaa hundi irraa barachuu danda’an ijaaraa jiraachuu Ministirri muummee Abiyyi Ahimad himan.

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi, Afriikaa irraa 1ffaa ta’e, liqaa fi gargaarsa birrii tokkoo malee akka hojjatame kan yaadachiisan Dooktar Abiyyi, kutannoo lammiilee biyya alaa fi keessaa gootummaan dhaabbataniin ijaaramee xumuramuun hojii eegalu ibsaniiru.

Itoophiyaan Hidha Afriikaa irraa 3ffaa ta’e, Kooyishaa ijaaraa jiraachuu kan kaasan Ministirri Muummee Pirojektiiwwan meeggaa biroo irrattis hojjatamaa jiraachuu kaasan.

Pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu Afriikaa irraa qofa osoon taane addunyaa irratti bakka guddaa qabaatu, ijaaramsi isaa eegaluu kan kaasan Ministirri Muummee, kunis hojii pirojektii meeggaa xiyyeeffannoon kennameef ta’uu eeraniiru.

Gaaffii miseensi mana marichaa, pirojektiiwwan gurguddoof xiyyeeffannoon hin kennamne jechuun kaasaniif deebii kan kennan Ministirri Muummee, Pirojektiin xaa’oo ijaarsi isaa eegalame agarsiistuu pirrojektoota gurguddoo tahuu kaasaniiru.

Pirojektiin Warshaa gaasii xumuramuu fi marsaan 2ffaa eegalamuu kan yaadachiisan, Dooktar Abiyyi, wrshaan calaltuu boba’aa ijaarsi isaa eegalame illee agarsiistuu pirojektii meeggaa isa biraa ta’uu kaasan.

Itoophiyaan Biyyoota Afriikaa maraaf fakkeenya olaanaa irraa baratan akka taatu ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply