Daawwannaa ija miidiyaalee addunyaa to’ate

You are currently viewing Daawwannaa ija miidiyaalee addunyaa to’ate

‎AMN PLUS- Mudde 8/2018

‎Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii Itoophiyaatti daawwannaa milkaa’aa taasisaniiru.

‎Simannaa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) isaaniif taasisanitti gammaduu kan ibsan Moodiin, dhimmoota tarsiimawaa garaa garaarratti hariiroo Itoophiyaa waliin qaban cimsuuf waliigalaniiru.

‎Daawwannaa guyyaa lamaaf taasisan xumuruun akkuma bifa addaan simatan haala ho’aan gaggeeffamaniiru.

‎Miidiyaan addunyaa garaa garaas daawwannaa isaanii kana wal harkaa fuudhuun gabaasaa jiru.

‎Daawwannaan shokokii maleessaa Ministira Muummee Naareendiraa Moodii michooma Itoophiyaafi Indiyaa cimsuurra kan darbe Ardii Afrikaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuu Indiyaaf mallattoo guddaadha akka ta’e eeraniiru.

‎BBC’n gabaasa daawwannaa seena qabeessa kana ilaalchisee qindeesseen, Itoophiyaan Afrikaa keessatti gahee tarsiimawaa qabaachuu ishee ibsuun hariiroon dippiloomaasii biyyoota Addunyaa gama Kibbaa (Global South) lamaan qooda hangana hin jedhamne akka qabaachuu malu gamanumaan akeekamuu ibseera.

‎Keessumaa dameewwan akka barnootaafi walitti dhufeenya uummata biyyoota lamaanii cimsuu irratti akka waliin hojjatan ibsuu isaanii eeruun gabaaseera.

“Itoophiyaan biyya leencotaati. Akkan qe’ee jiruutti natti dhagahame. Sababni isaa qe’een dhalootakoo Guujiraat Hindi keessaa qe’ee leencotaati,” jechuu Moodii ibseera.

Kabaja paarlaamaa Itoophiyaaf qabaniifi mala dimookiraasiif biyyattiif qabaniif fuuldura keessatti argame” jechuu Ministira Muummee Indiyaa caqasan.

Itoophiyaan bakka argama Luusii tahuu himuun bakka argama hunda keenyaati” jechuu isaaniis ibseera.

‎Haala Ji’oo-Polotikaa/qubsuma siyaasaafi diinagdee biyyoota naannawa jijjiiruurratti daawwannaa bakka guddaa qabu tahuu kaasuun hariiroo biyyootni lamaan dameewwan akka daldalaa, invastimantiifi bu’uuraalee misoomaan waliin hojjachuuf waliigalteerra gahuu isaanii “Reuters” gabaaseera.

‎Al Jazeera’n gama isaan barbaachisummaan idil addunyaa ardii Afriikaa gama Itoophiyaan mul’achaa jiraachuu daawwannaan Ministira Muummee Indiyaa kun agarsiistuu ta’uu kaaseera.

‎Itoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uurra darbee Afrikaan hariiroo michoomaafi dippiloomaasii gara fuulduraa murteessuu keessatti qooda olaanaa akka bahachuuf jirtu kan calaqqisiise akka ta’e gabaaseera.

‎Dabalataanis, “The Guardian” daawwannaa murteessaa kana imaammata yeroo dheeraa Indiyaan biyyoota Addunyaa gama Kibbaa wajjin hariiroo ishee cimsuuf qabdu kan mul’isu tahuu gabaaseera.

‎Gama teekinooloojii, fayyaafi barnootaan Itoophiyaa wajjin walitti dhufuun hojjachuuf Indiyaan fedhii qabaachuu ishee ibseera.

‎Gama biraan, “Africa Report” daawwannaan Ministira Muummee Indiyaa kun jijjiirama Finfinneen agarsiisteef ragaa tahuu kaasuun milkaa’ina dippiloomaasii Itoophiyaa fi biyyoota Naannawichatti argame tahuu gabaaseera.

‎”FirstPost” yeroo hedduu xiyyeeffannoo isaa Indiyaa taasifachuun gabaasuu gama isaan Itoophiyaan Ministira Muummee Naareendiraa Moodiif badhaasa biyyattiitti isa olaanaa ta’e “Niishaanii Kabajaa” akka badhaaste beeksiseera.

‎Biyyattiin Afrikaafi Eeshiyaa jidduutti riqicha akka ta’aa jirtu itti dabaluun gabaaseera.

‎Dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa garaa garaa daawwannaa Ministra Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii kana daawwannaa osoo wacni hin baay’atin milkaa’inni guddaa itti argame ta’uu gabaasuu itti fufaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply