Ulaa galaanatti ba’uu jechuun addunyaa baay’ee bal’aa ta’eefi faayidaa addaa addaa qabdutti ba’uu akka ta’e Hayyuu Seeraa Obbo Lataa Boonsaa turtii AMN Qophii Marabbaa waliin taasisanirratti ibsaniiru.
”Seenaadhaan ulaan galaanaa akka keenya ta’e wantootni agarsiisan waan jiraniif karaa seera maleessa ta’een dhabne” jedhan Obbo Lataan.
Daldalli % 80 Karaa ulaa galaanaatiin akka raawwatamu eeruun, Daldalaan , “nyaataan of danda’uufillee ulaan galaanaa bu’aa hedduu akka qabu tilmaamuun nama hin rakkisu” jedhan.
Baasii xiqqaan dooniiwwan gurguddaan hanga magaalaa xiqqoo bal’atan meeshaalee hedduu Karaa lafaafi qilleensarraa gatii guddaa kafalchiisan gatii xiqqoodhaan geejjiba galaanaatiin imalchisuun akka danda’amus ibsaniiru.
Itoophiyaan seenaa Giriikiifi Roomaa waliin dorgomu akka qabdu kan himan Obbo Lataan, naannoo Gaanfa Afrikaatti buufataalee Masawwaa, Aduliis fi Asab irraa seenaa guddaa akka qabdus kaasaniiru.
Seenaan hundeeffama Itoophiyaa buufataalee wajjiin walqabata kan jedhan Hayyuun Seeraa kun, mootummaa ce’umsaa beekamtii hin qabneen buufata doonii dabalatee qabeenyi baay’een Itoophiyaadhaa gara Eertiraatti akka cite himaniiru.
Itoophiyaan A.L.I haga bara 1991tti ulaa galaanaatti fayyadamaa akka turte kaasuun, ulaa galaanaa dhabde kana deebifachuuf seenaafi seerri akka deggaru Hayyuun Seeraa Obbo Lataa Boonsaa turtii AMN waliin taasisan irratti dubbataniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e