Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqon Daani’eel Kibrat sababa maaliif Galaana Diimaa irraa dhiibamnee laga Abbayyaa irraa baqanne? gaaffii jedhu kaasaniiru.
Kanaan dura Itoophiyaan qabeenya uumamaa haqaan akka hin fayyadamneef shirri hedduun hojjetamaa akka ture kaaseera.
Galaana Diimaa kiiloo meetira 40 qofa fagaatuufi laga Abbayyaarraa dhiibuun diinagdee Itoophiyaa laaffisuuf tattaaffiin taasifamaa akka ture eeraniiru.
Hawaasni lagaa fi qaama bishaanif ilaalcha burjaaja’aa akka qabaataniif hojiileen hojjetaman heddu akka ta’e lammiilee Keeniyaaf ibsaniiru.
Qarqara lagaa bakka yakki itti raawwatu, iddoo jireenya harka qalleeyyii, ijaarsa seeraan alaa itti raawwatuufi balfi adda addaa itti kuufamu fakkeessuun dhaloota darbe irratti akka hojjetame himaniiru.
Seenaan jallaa kun jaarraa hedduuf itti fayyadama bishaan lagaa Abbayyaa fi Galaana Diimaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa akka ture dubbataniiru.
Yeroo ammaa garuu tokkummaa Itoophiyaa fi beekamtii idil-addunyaa cimsuun Hidhi Haaromsaa guddicha xumuruun akka danda’ame kan ibsan Daayiqon Daani’eel dhimmi Galaana Diimaas gaaffii dhalootaa ta’ee bal’inaan ka’aa akka jiru ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin