AMN PLUS- Mudde 11/2018
Nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuufi waaressuuf barattootni fi barsiisotni gahee isaan irraa eegamu bahuu akka qaban Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesse.
Walta’insa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii, fi Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin hojiirra oolmaa Seekulaarizimii fi Ijaarsa Nageenyaa irratti hubannoo uumuuf Waltajjiin marii ta’amaa jira.
Waltajjii marii kana irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Hoggantuun Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa; kaayyoon marii kanaa sekulaarizimii fi Sonaawwan Ijaarsa Nageenyaa hubachiisuu fi hojii irra oolchuun baruu fi barsiisuu nageenya qabuu fi tasgabiin guute uumuudhaa jedhan.

Mariin kun Ijaarsa biyyaa fi Ijaarsa Mootummaa dhugoomsuuf dhaloota boru biyya dhaalu irratti hojjachuun dirqama ta’uu kaasanii, “kanaafis manneen barnootaa keessatti kilaboota Nageenyaa hundeessuun sonaawwan nageenyaa lafa qabsiisuu irratti hojjataa jirraa” jedhan Aadde Liidiyaan.
Qabxii barattootaa guddisuu irrattis gaheen nageenyaa murteessaa ta’u kan kaasan Aadde Liidiyaan, Barattoonni naannoo barnootaa nageenyaa qabu keessatti akka baratanii fi bakka hin barbaachifne akka hin oolleef deeggarsa gochuu keessatti Biiroon isaanii gahee olaanaa bahachuu himaniiru.
“Dhaloota walitti bu’iinsa walitti bu’iinsaan deebisu osoo hin taaane, kan mariin furu akka ta’u taasisuu fi hundeen ijaarsa biyyaa dhaloota manneen barnootaa keessa jiru irraa eegala” kan jedhan Aadde Liidiyaan, gahee olaanaa kana bahachuuf Bariisonni, barattoonnii fi maatiin barataa sonaawwan nageenyaa hubachuun hojiirra oolchuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Obbo Diinaa’ol Caalaa “dhaloota naamusa gaarii fi amala gaarii qabu horachuun ijaarsa biyyaa fi mootummaaf Biiroon isaanii gahee irraa eegamu akka bahu dubbataniiru.
Waltajjiin marii kun, “barattoonni beekumsaa fi ilaalcha isaanii gabbifatanii waliigaltee, marii fi araara akkamiin buusuun akka danda’amu akka baratan, akkasumas kilabiin nageenyaa barattoonni sabdaneessummaa, waloomaa fi tokkumma akka qabaatanii fi kabajaniif hubannoo kan uumuudha” jedhan Obbo Diinaa’ool.
Waltajjii marii kana irratti, hoggantoonni olaanoo Magaalaa Finfinnee, dureewwan manneen barnootaa, barattoonnii fi qaamoleen nageenyaa argamaniiru.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase