Sagantaan Dijitaal Itoophiyaa 2025, guutummaan guutuutti milkaa’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) beeksisan.
Dooktar Abiyyi guyyaa har’aa Sagantaa Dijitaal Itoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisaniiru.
“Galmi Diijitaal Itoophiyaa 2025 karaa guutuun milkaa’eeera, har’a ammoo Diijitaal Itoophiyaa 2030 eegalchiifneerra” jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Walgahiinsa babal’isuu, lammiileef qixa carraa uumuu, akkasuma dhaabbilee fi lammiilee gidduutti wal amantaa jiru guddisuun tarsiimoo ijoo fi bu’uuraa ta’uu eeran.
Kaayyoon kun akka milkaa’uu bu’uuraalee misoomaa Diijitaalarratti hojii guddaa hojjechuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisan.
Teeknooloojiin Diijitaalaa kun kan namarratti xiyyeeffate ta’ee, jireenya lammiilee jijjiiruuf gahee olaanaa qabaachuu himan.