Biqiltuun Ilmoodha, Waloon Baanee Haa Kunuunsinu – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan

You are currently viewing Biqiltuun Ilmoodha, Waloon Baanee Haa Kunuunsinu – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan

AMN PLUS – Mudde 13/2018

Biqiltuun Ilmoodha – Waloon Baanee Haa Kunuunsinu jedhan Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Inisheetiiviin Ashaaraa Magariisaa keenya waggoottan torban darban kalaqaafi saffisaan dabaalamee injifannoo boonsaa galmeessiseera. Har’as galmoota gurguddoo lamaan: mancaatii bosonaa hambisuufi humna damdamannaa dhiibbaa jijjjiirama qilleensaa biyya keenyaa guddisuurraa osoo hinlibsatin socho’aa jirra.

Akkuma madda yaadichaa kan ta’an Looreeta Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimadiin (PhD) kaa’ame, raawwiin isaas hammattoo Mootummaan Ida’amuu rokkoolee jiraniif furmaata ittiin kennu kan hordofedha. Bu’uuruma kanaan:-

Tokko: sagantichi qajeeltodhaan akka hoogganamu ta’eera. Irradeebiin magariisomsuun dhimma murteessaa ittifufiinsafi badhaadhina biyya keenyaa ta’uu danda’eera.

Lama: sagantichi humna keessoo keenyaan akka raawwatamu ta’eera. Raajiin hanga yoonaa, gargaarsa alaa tokko malee dandeettii gochuu ummata keenyaa qofaan kan raawwatamedha. Borus kan ittifufuudha.

Sadi: sagantaan Ashaaraa Magariisaa maqaa ykn beekamtii keessofi alaa ittiin goonfachuuf osoo hintaane, bu’aa qabatamaa gama madaallii haala qilleensaa, nyaataa, eegumsa biyyee, yaa’insaafi qulqullina bishaanitiin argamu bu’uureffatee akka raawwatamu ta’eera.

Afur: sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaabbilee dhimmichi ilaallatuun haahoogganamu malee, kutaalee hawaasaa mara hirmaachisaa jira. Akka naannoo keenyatti, waggoottan 7’n darban (2011-2017), waggaa waggaan giddugaleessan ummanni mil. 18 umrii, amantaafi ilaalcha siyaasaatiin osoo hinqoodamin bahuun biqiltuu bil.28.2 dhaabuu danda’ee jira.

Shan: sagantichi hojii duulan gaggeeffamu ta’uu bira darbee aadaa ummataa ta’uu agarsiisera. Ummanni keenya biqiltuu dhaabuu, kunuunsuufi sirnaan ittifayyadamuun, akkasumas magariisomsuufi jiidha eegun hojii ajajamee raawwatu osoo hintaane duudhaa isaa ganamaa ta’uu mirkaneessera. Akka naannoo keenyatti, waggoottan torban darban waggaa waggaan giddugaleessan ummanni mil. 15 ol ta’u dhuunfafi waloon bahee biqiltuu dhaabe kunuunsaa jira. Kunis dhibbentaan latiinsa biqiltuu waggoota torban darbanii giddugaleessan harka %86 ol akka deemu taasiseera.

Hirmaannaa boonsaa akka biyyaatti taasifneen galmoonni lameenuu daandii milkaa’inaa qabataniiru. Uwwisni bosona biyya keenyaa daran dabalaa, mirkaneessi sirnaafi wabii nyaataa tarkaanfachaa jira. Burqaafi haroowwan gogan deebi’anii misuu, bishaan lafa jalaa dabaluu, dhiqamni biyyee hirdhachuu danda’eera. Hundaa’ol lub-daneessummaa (biodiversity) irratti jijjiiramni waaraan argamee jira. Kalees ta’ee har’a humni injifannoo kana duuba jiru ummata keenya.

Ummanni keenya biqiltuu ganna bishaanin dhaabe bona dheebutti dhiisee akka biraa hinhafne, hirmaannaa kunuunsaa waggaa gara waggaatti ho’afi si’ataa dhufeen irra deddeebiin mirkaneessera. Latiinsi biqiltuu bara kana (2017/18) dhaabnees (bil. 4.9) kan armaan duraa akka caalu raaguun waan nama dhibu miti.

Walumaagalatti, waqtiin bonaa kun yeroo biqiltuun sababoota garagaraatiin sadarkaa olaanaan mancaatii hamaaf itti saaxilamanidha. Waqtii kanatti biqiltuu bishaan obaasuu, aramuufi jijjiirama jiru hordofuun daran barbaachisaadha. Kanaaf, ummanni keenya hirmaannaa si’ataa eegumsaafi kunuunsa biqiltuu irratti waggoottan darban taasisaa ture cimsee akka ittifufu kabajaan yaadachiisun barbaada.

Caasaaleen mootummaafi hoggansi sadarkaan jirtan gama keessaniin, sagantaa waloo ummataa qopheessuufi qindeessuun deeggarsaafi hordoffii barbaachisaa sadarkaa hundatti akka taasiftan cimsee hubachiisuun barbaada.

#Ashaaraa_Magaariisaa humna damdamannaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa horachuuf!

#Green_Legacy_Initiative duudhaa keenya ganamaatti deebi’uuf!

#Ashaaraa_Magaariisaa umama waliin araaramuun hariiroo keenya cimsachuuf!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply