Ministirri Muummee Itti Aanaa Itoophiyaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, sirna jalqabsiisa tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 irratti argamuun, Itoophiyaan gara boqonnaa dijitaal haaratti ce’uuf qophii guutuu qabaachuu ishee ibsaniiru.
Sagantaan Koodarsi Miliyoona 5 jedhamu lammiileen dandeettii dijitaalaa akka horatan irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.
Haga ammaattis namootni miliyoona 2.8 leenjii kan fudhatan yoo ta’u isaan keessaa namootni miliyoona 1.9 leenjicha xumuruun waraaqaa ragaa argachuu isaanii Ministirri Muummee Itti Aanaan ibsaniiru.
Waggoota shanan darban keessatti mootummaan labsii “Start-up” jedhamu hojiirra oolchuun, dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa walitti hidhee, rakkoolee hawaas-diinagdee biyyattii furuuf yaadota kalaqaa fi teeknooloojii irratti hundaa’an hojiirra oolchuu danda’uun isaa eerameera.
Obbo Tamasgeen Xurunaa akka jedhanitti, Dijitaal Itoophiyaa 2025 hojiirra ooluun, adeemsa faayinaansii, kenninsa tajaajilaa, walitti hidhaminsa daldalaa, qaqqabummaa mootummaa, nageenya fi tasgabbii akkasumas haala miidiyaa ammayyeessuu keessatti jijjiirama guddaa fideera.
Itti dabaluunis, tarsiimoon Dijitaal Itoophiyaa 2030 tajaajiloota mootummaa dijitaalaan kennuu, carraa hojii dargaggoota babal’isuu, daldala elektirooniksii cimsuu, nageenya odeeffannoo mirkaneessuu fi guddina diinagdee saffisiisuuf shoora murteessaa akka qabaatu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, gara Dijitaal Itoophiyaa 2030tti boqonnaa haaratti ce’uun, seenaa jijjiirama dijitaal Itoophiyaa keessatti guyyaa olaanaa fi seena-qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Qindoominni mootummaa, dhaabbilee dhuunfaa fi hawaasaa milkaa’ina tarsiimoo kanaaf murteessaa ta’uu isaanii hubachiisaniiru.
Shuumii Badhaasootiin