Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa, dijitaalaayizeeshiniin galma badhaadhinaa Itoophiyaa milkeessuuf furtuu murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Xumura sagantaa Dijitaal Itoophiyaa 2025 fi jalqabbii Dijitaal Itoophiyaa 2030 irratti haasaa taasisaniin, teekinooloojiin dijitaalaa fedhii guddinaa Itoophiyaan qabdu waliin akka wal simu ibsaniiru.
Obbo Tamasgeen, tarsiimoon Dijitaal Itoophiyaa riifoormii diinagdee gooroo, karoora misoomaa waggaa kudhanii fi tarsiimoo cehumsa dijitaalaa Gamtaa Afrikaa bu’uureffachuun qophaa’uu himaniiru.
”Tarsiimoon kun Ilaalcha Mootummaa Ida’amuu irratti hundaa’uun kalaqa, saffisaa fi bu’aa qabatamaa fiduuf kan qophaa’edha” jedhan.
Dijitaal Itoophiyaa 2025’n sirna hojii dhaabbilee mootummaa haaromsuun si’aayinaafi iftoomina dabaluun bu’aawwan diinagdee hedduu galmeessisuu danda’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, tajaajiloonni mootummaa hedduun giddu-gala tokko irraa karaa dijitaalaab lammiilee bira akka dhaqqaban taasifamuu eeraniiru.
Tajaajila Paaspoortii Elektirooniksii fi tajaajiloota mootummaa gara garaa karaa onlaayinii kennuun eegalamuun, lammiileen tajaajila saffisaa fi salphaa akka argatan gargaaraa jiraachuu himaniiru.
Dameewwan misooma saayibarii, dandeettii dijitaalaa fi eegumsa saayibarii irratti labsiiwwan barbaachisoo qophaa’anii hojiitti galuu, akkasumas galtee faayinaansii, humna namaa fi tarsiimoo cimsuun galma Dijitaal Itoophiyaa 2025 milkeessuun akka danda’ame Obbo Tamasgeen ibsaniiru.
Labsiin invastimantii fooyya’aa ba’uun, qabeenya kalaqa sammuu beekamtii argachuun, invastimantii dijitaalaa fi kalaqaa jajjabeessuuf haala mijataa uumuu ibsaniiru.
Akkasumas, dameewwan Telekoomii fi Baankii banaa taasisuun sirna hojii duraanii cabsuun, dorgommii fi tajaajilli fooyya’aa akka babal’atu taasifamuu himaniiru.
Hojiirra oolmaan Sirna Gabaa Kaappitaalaa immoo diinagdee dijitaalaa cimsuuf bu’uura ta’uu eeraniiru.
Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, bu’aalee Dijitaal Itoophiyaa 2025’n argaman akka bu’uuraatti fayyadamuun, “boqonnaa haaraa Dijitaal Itoophiyaa 2030tti cehuu dandeenyeerra” jedhaniiru.
”Dijitaal Itoophiyaa 2030’n cehumsa dijitaalaa damee maraan eegalame babal’isuun, sirna dijitaalaa cimaa ijaaruufi bu’aawwan dijitaalaa lammiilee hunda bira akka ga’an ni hojjetama” jedhaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu qindeesse