Dhaabbanni Diimokiraatawaa Galaana Diimaa Affaar, dhiittaa mirga namoomaa bal’inaan Mootummaan Eertiraa uummata Affaar qarqara Galaana Diimaa jiraaturratti raawwachaa jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan Dura Taa’aan Dhaabbatichaa Obbo Ibraahim Haarun, Mootummaan Shaabiyaa dhiittaa mirga namoomaa daangaa darbe uummata Affaar qarqara Galaana Diimaa jiraaturraan gahaa jiraachuu ibsaniiru.
Ummatni Affaar hidhamuu, ajjeeffamuu, biyyaa buqqaafamuu fi godaansifamaa akka jiru, akkasumas dubartootni loltoota Shaabiyaan gudeedamuu, saamamuu fi dhiibbaa diinagdee hamaa jala akka jiran dubbataniiru.
Mootummaan Eertiraa aadaa fi eenyummaa uummata Affaar balleessuuf tarsiimoo yeroo dheeraa diriirsee hojjechaa jiraachuu isaas Obbo Ibraahim ibsaniiru.

Rakkoo kana hawaasni idil-addunyaa akka beekuufi uummata Affaar bira akka dhaabbatanif, Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbilee idil-addunyaa adda addaatti iyyannoo akka dhiyeessanis himaniiru.
Mootummaan Eertiraa gochaalee qaanessaa kanarraa akka dhaabbatuuf, hawaasni idil-addunyaa dhiibbaa dipiloomaasii fi tarkaanfiiwwan biroo irratti akka fudhatan gaafachuu isaaniis kaasaniiru.
Mootummaan Shaabiyaa tarsiimoo “Paartii tokko, Afaan tokko, Aadaa tokko” jedhuun ukkaamsaa hamaa uummata Affaar qarqara Galaana Diimaa jiraaturraan gahaa jiru kana akka dhaabuufi mirga uummata isaanii akka kabachiisan falmii itti fufaa jiraachuu isaanii Obbo Ibraahim Ahimad dubbataniiru. Mirga uummata isaanii kabachiisuuf gatii kamiyyuu kaffaluuf qophii ta’uu isaaniis hubachiisaniiru.
Mahaammad Toofiqtu gabaase