Feestivaalli Aadaa dubbisaa Finfinnee 13ffaan eegalame

You are currently viewing Feestivaalli Aadaa dubbisaa Finfinnee 13ffaan eegalame
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS – Mudde 16/2018

Magaalaa Finfinneetti Aadaa Dubbisaa guddisuuf Feestivaalli Dubbisaa marsaa 13ffaan qopheessummaa Biiroo Aadaafi Artiin eegalame.

Feestivaalichis mata duree ”Aadaan dubbisuu ‘jijjiirama hunda galeessaaf” jedhuun muddee 16 hanga 20/2018tti kan adeemsifamu ta’u himameera.

Saganticha irratti argamuun haasaa kan taasisan Hoggantuun Biiroo Aadaafi aartii Magaalaa Finfinnee Hiruut Kaasaawu (PhD), kaayyoon sagantichaa aadaa dubbisu dhalootaa guddisuudha jedhan.

Feestivaalli kunis guyyoota afuriif kan turu yoo ta’u, iddoowwan bu’aa misooma kooriidarii kessaa tokko taate Araddaa Qarsaa (Kaazaanchisittii) sirnoota garaa garaatiin adeemsifama.

Wangeel Faqqadaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply