Galma mootummaan ka’ame keessaa qala’insa jireenyaa hir’isuu milkeessuuf Waldaaleen Hojii gamtaa, Oomishtoonni, Shamatoonnii fi Qaamoleen dhimmi ilaalu martuu gahee irraa eegamu bahuu akka qaban Komishiniin Waldalee Hojii Gamtaa Itoophiyaa waamicha dhiheesse.
Waltajjiin Marii Mata-duree “Walitti hidhaminsa gabaa waaraa uumuun walitti hidhamiinsa diinagdee fi hawaasummaa Magaalaa fi Baadiyyaa ni mirkaneessina” jedhuun Magaalaa Adaamaatti mari’atamaa jira.
Waltajjiin marii kun sirna daldalaa keessatti hanqinoota jiran kan itti adda baafamu, walitti hidhamiinsa oomishtootaa fi shamatootaa kan ittiin cimsamu, cancala daldalaa caalatti kan itti gabaabbatu akka ta’uuf hunduu gahee irraa eegamu akka bahu Komishinarri Komishinii Waldalee Hojii Gamtaa Itoophiyaa Obbo Geetinnat Taaddasaa waamicha dhihessan.

Hanga ammaatti hojimaata waldaalee ammayyeesuu fi walitti hidhamiinsa gabaa waara ta’e uumuun qala’insa jireenyaa hir’isuun danda’amuu dubbataniiru.
Waltajjii marii kana irratti Kantiibaa Itti Aanaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay qaala’insa jireenyaa hir’isuuf gaheen waldaalee hojii gamtaa murteessaa tahuu kaasanii, “Giddugaloota gabaa babal’isuu, dhiheesii Oomishaa fi kan oomishame gabaaf akka dhihaatu taasisuu keessatti Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hojii boonsaa hojjateera” jedhan.

Keessummaan Kabajaa waltajjichaa Perizidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii gama isaaniin, qala’insa jireenyaa dijiitii baaqqeetti gad-buusuuf galma qabame milkeessuuf, oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, qonna ammayyoomsuu, sirna gabaa tasgabba’aa uumuu fi cancala daldalaa gabaabsuu,warreen karaa qaxxamuraa kabajamuu barbaadan irratti olaantummaan seeraa akka kabajamu gochuun akkasumas dhiheessii lojiistiksii irratti qindoominaan hojjachuu qabnaa jedhaniiru.
Bayyanaa Taaddasaatu Gabaase