Humni Qilleensaa Itoophiyaa guyyaa hundeeffama waggaa 90ffaa sababeeffachuun agarsiisa qilleensarraa ‘Leenca Gurraachaa’ biyyoota addunyaa gara garaa hirmaachisuun Amajjii 15-19’tti akka geggeessu Ajajaa olaanaan Ramaddii Humna Qilleensaa 1ffaa Birgaader Jeneraal Biruk Seefuu ibsan.
Sagantaa agarsiisa Humna qilleensaa Itoophiyaa gaggeeffamu ilaalchisee, Miidiyaaleef ibsi kennameera.

Agarsiisa kana irratti Humna Qilleensaa Itoophiyaa dabalatee, Gareen Humna Qilleensaa Emireetota Arabaa Gamtoomanii, Humni qilleensaa Raashiyaa, Morookoo fi Gareen Humna Qilleensaa Cheek Rippaabilik akka argaman Birgaader Jeneraal Biruk Seefuu himaniiru.
Qaama sagantaa agarsiisa Humna Qilleensaa Itoophiyaa kan ta’e Ekispoon Seenaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa kaleessaa hanga har’aatti mul’isu bakka kaampaanonni Humna qilleensa biyyoota 27 ol argamanitti ni gaggeeffama.
Dabalataanis hundeeffama humna qilleensaa Itoophiyaa waggaa 90ffaa sababeeffachuun bakka Ajajoonni Humna Qilleensaa biyyoota Afriikaa 35 ol argamanitti, Fooramiin Humna Qilleensaa Afriikaa 3ffaan ni gaggeeffama.
Hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa waggaa 90ffaa sababeeffachuun Ekispoo dhihaatu kana kutaaleen hawaasaa kamiyyuu tikeetii seensaa bitachuun daawwachuu akka danda’an Birgaader Jeneraal Biruk Seefuu dhaamaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.