Ministeerri Dhimma Alaafi Keeniyaatti Imbaasiin Itoophiyaa Dirree Dhawaatti manneen ijaarsisan harka qalleeyyiif dabarsanii kennuun isaanii ibsame.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiiwos (PhD), anga’ootni federaalaafi Kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Juhaar manneen kanneen eebbisuun dabarsanii kennaniiru.

Manneen kunneen walta’umsa Ministeerichaafi Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaatti argamuun kan ijaaraman yoo ta’u Birrii Miliyoona 20 caalu baasii taasifamuu ibsameera.
Ministeerri Dhimma Alaa meeshaalee barnootaa Birrii Miliyoona 2 caalu, barattoota maatii harka qalleeyyiif arjoomuu odeeffannoon Komunikeeshinii Magaalaa Dirree Dhawaa irraa argame ni mul’isa.