Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti pirojektoota hawaasa naannawa Marii Looqeef tajaajila hundagaleessa kennan eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisan.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Finfinnee jiraattotasheef mijattuu taasisuuf hojiin eegalame cimee itti fufeera” jedhan.

Pirojektootni kunniin hariiroo hawaasummaa kan cimsan, sosochii ispoortiif dorgommiiwwaniifi haara galfiif, bakka tapha ijoolleefillee mijaawaa ta’uu eeraniiru.
Pirojektichi waliigalaan lafa hektaara 10.5 irra kan buufateefi magaalaa qulqulleettiifi mijooftuu uumuuf imala eegalameef humna dabalataa kan ta’u hojii dinqisiisaadha jedhan.
Hojiin kun kaartaawwan lafaa seeraan alaa 23 haquun tajaajila uummataaf akka oole himan.