Ayyaana Guluffii Fardaa uummata Agawu hambaa kiliyaa ta’uun ‘UNESCO’ irratti akka galmaa’uuf hojiin dursaa raawwatamuu Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Amaaraatti, Qindeessaan Damee Magaalaa Ahimaddiin Mahaammad (PhD) ibsan.
Ayyaana kana Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ‘UNESCO’tti galmeessisuuf sanada dandeessisu xumuraa irratti Yunivarsiitii Baahir Daaritti mariin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannichatti qabeenya tuurizimii misoomsuun faayidaan akka irraa argamuuf hojjatamaa jiraachuu kaasaniiru.
Masaraa Mootota Faasiil fi Manneen Kiristaanaa Laalibalaaf suphaa Mootummaa Federaalaan taasifamaa jiru biratti iddoowwan gahumsa tuuristii haaraa misoomuu dubbataniiru.

Ayyaana Guluffii Fardaa Agawu hambaa kiliyaa addunyaa taasisuun galmeessisuuf illee Abbaa Taayitaa Hambaa Itoophiyaa wajjin hojiileen hedduu hojjatamuu ibsaniiru.
Ayyaanni Hundeeffamma Guluffii Fardaa Agawu 86’ffaan Amajji 23 Bara 2018 akka kabajamu ibsaniiru.
Biraanuu Warqinaatiin