Ayyaanni Jijjiirraa Bara Haaraa Saba Halaabaa “Seeraa”n magaalaa Qullittootti haala Miidhagaan kabajamaa jira. Sirna kanarratti ergaa kan dabarsan
Pirezidaantiin Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaa Indaashaw Xaasoo (PhD) Naannoofi biyya Tokkummaan Sab – Daneessummaa keessatti mirkanaa’e ijaaruuf Sirna Seeraa dabalatee beekkumsa ganamaa jabeessuun hedduu murteessaa tahuu ibsaniiru.
Biyya seenessa waloo cimaa qabdu dhugoomsuuf Mootummaan Jijjiiramaa kutannoo olaanaan hojjachaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Indaashaw, tokkummaa ummata biyyattiin Badhaadhinaafi Ol ka’insi Itoophiyaa kan dhugoomu tahuu dubbataniiru.
Imala ariifachiisaa badhaadhina Afrikaaf fakkeenya taheefi Itoophiyaan taasisaa jirtu keessatti Godina Halaabaas tahee Naannoon Jiddu Galeessa Itoophiyaa qooda gamasaanii bahachuufi irraas fayyadamuuf xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjatamu tahuus himaniiru.

Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Aadde Nafiisaa Al -Mahaadii ergaa dabarsaniin Itoophiyaan Aad- Daneessummaan kan beekkamtuufi kannneen keessaa Seeraan kan eeramu tahuu himaniiru.
Mootummaan Jijjiiramaa Yaadama Ida’amuutiin Duudhaalee Aadaa jajjabeessuun, Duudhaaleen kunneen osoo hin faalamne dhaloottatti akka darbu gochaa jiraachuusaan, bu’aaleen hedduun argamuu ibsaniiru.
Ayyaanni Seeraa Karaa Duudhaasaa eeggatee qulqulluun isaa Dhalootatti akka darbuuf Ministeerri Aadaafi Ispoortii xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjatu tahuu ibsaniiru.
Sirna kanarratti keessummootaan Anaa Dhufu kan jedhan Bulchaan Godina Halaabaa Muddiin Huseen “Sirni Seeraa Sirna Dhala Namaafi Uumama, Ilmaan Namootaa kan walitti hidheefi araarsee waliin jiraachisu sirna addaati” jedhaniiru.
Qabeenya guddaa biyyattii kan tahe beekkumsa ganamaa kunuunsuufi sirnaan itti gargaaramuu dhabuu keenyaan rakkoolee hedduuf saaxilamaa turre kan jedhan Obbo Muddiin, Seeraan Duudhaaleen kanneen keessaa Hambaa Kiiliyaa Saba Halaabaa kan eeramu tahuu ibsaniiru.

Godinni Halaabaa Bu’aa Jijjiiramaa tahuu kan ibsan Obbo Muddiin Jijjiiramaan Booda Ummanni kallattii hedduun fayyadamaa tahuu ibsaniiru.
Sirna kabaja Ayyaanichaan wal qabatee piroojaktoonni gara garaa eebbifamuu kan ibsan Muddiin Gamoon Bulchiinsa Godina Halaabaa Birriin Miiliyoona dhibba 4 fi Miiliyoona 61 ol baasii itti tahe eebbifamuu ibsaniiru.
Dabalataaniis Marsaan duraa Istaadiyeemii Halaabaa Birrii Miiliyoona Dhibba 6 fi Miiliyoona 23 oliin kan ijaarameeefi Piroojaktoota lameen dabalatee piroojaktoonni gara garaa walumaa galatti Birrii Biiliyoona 1.1’n kan ijaaraman tahuu ibsaniiru.
Sirna kanarratti Hoggantoonni Naannoofi Federaalaa, Hawaasniifi Dargaggoonni qaama sagantichaa argamaniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaas