”Poolisiin Federaalaa Qaamolee Nageenyaa Naannolee fi Federaalaa waliin ta’uun ji’oota ja’an darbanitti nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa kabachiisuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuun hojii milkaa’ina qabu hojjateera” jedhan Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el.
Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash humnoota shororkeessaa naannolee biyyattii garaa garaa keessa socho’an to’achuun akka danda’ame gamaaggama raawwii hojii Ji’a ja’aa irratti kaasaniiru.
Keessumaa Komaandoon Addaa Farra Shororkeessaa fi Humnootni Dafee Qaqqabaa wareegama lubbuu kaffaluu dabalatee oppereeshinii qindoominaan raawwataniin biyya keenyatti haalli nageenyaa fi tasgabbii amansiisaan yeroo dhaa gara yerootti guddachaa dhufe akka uumame ibsaniiru.
Hojiin qorannoo yakkaa teeknooloojii fayyadamuun haaromsuun, akkasumas dandeettii qorannoo teeknikaa fi taaktikaa cimsuu hojjatamuu kan kaasan Komishinarri Jeneraalaa, Kunis haala mirga namoomaa kabajee fi bu’a qabeessa ta’een akka raawwatame dubbataniiru.
Itti dabaluunis, ” Ji’oota jahan darbanitti galmeewwan yakkaa kuma tokko fi dhibba shantamaa (1500) ol sakatta’uun, %90 isaanii gara Abbaa Alangaa akka ergaman, addatti ammoo galmeewwan yakkaa shororkeessummaa wajjin walqabatan dhibba lama (200) guutummaatti (%100) qorannoon isaanii xumuramee gara Abbaa Alangaatti darbamuun hojiin milkaa’ina qabu galmeeffameera” jedhaniiru.
Humna namaa barnootaa fi leenjii gahumsuun, akkasumas baay’inaa fi qulqullinaan sadarkaa olaanaatti guddisuun, dandeettii raawwii dhaabbataa yerootti yerootti akka dabaluuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Komishanarri Jeneraalaa Dammallaash “Tajaajila poolisii haala baratame irraa gara sirna ammayyaatti yeroo gabaabaa keessatti jijjiiruun, bulchiinsa humna namaa dijitaalaayizii gochuun akkasumas sirna haaraa diriirsuun hojiin jajjabeessaa hojjatameera” jedhaniiru.
Sirna riifoormii dura, raawwiin pirojektootaa sadarkaa olaanaatti harkifataa ture furuun, naannolee biyyattii gara garaatti pirojektoonni ijaarsa irra turan akkasumas pirojektoonni haaraan dandeettii ofii fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti ijaaramee xumuramuun bu’aa olaanaa galmeessuun akka danda’ame ibsaniiru.
Komishinarri Jeneraalaa, dandeettii oppereeshinii poolisii guddisuuf, akkasumas itti gaafatamummaa cimsuuf kan gargaaru, Poolisii Federaalaa Itoophiyaa bakka bu’u ammayyaa fi haaraa ta’e lakkoofsa gabatee konkolaataa (vehicle plate) dhiheenyatti hojiirra akka oolu beeksisaniiru.
”Yeroo jalqabaaf akka dhaabbataatti, leenjii “Leadership Challenge” kennameen dandeettii oppereeshinii keenya sadarkaa olaanaatti guddisuun danda’ameera” jechuun, kanaanis dirqamni humni poolisii ba’atu bu’a qabeessa akka ta’uuf gumaacha guddaa akka qabu Komishinarri Jeneraalaa Itti dabaluun ibsaniiru.