Yoonaas Shawaangizaaw jedhama. Magaalaa Finfinnee naannoo barmaataan Olompiyaa jedhamutti dhalatee akka guddate dubbata.
Hojii Kalaqasaa maashina bunaatiin Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) beekamtii kennaniiruufi.
Yoonaas ijoollummaa isaatii eegalee wantootuma naannootti argamanii fi gataman irraa waa kalaquu akka jaalatu AMN Dijitaal’tti himeera.
Dargaggoon waggoota hedduuf hojii sibiilaa hojjachaa ture kun ammas jireenya isaa kan gaggeeffatu hojii sibiilaan wal qabatuun akka ta’e kaasa.
Haa ta’u malee, hojii foddaa fi balbalaa akkasumas meeshaalee mana keessatti faayidaa garaa garaaf oolaniifi waajjiraa qofaan of daangessuu hin barbaadne.
Yoonaas hojiilee barataman kanneeniin ala ba’uun, waa kalaquu fi waan hojjatutti sona dabaluun caalaatti akka isa gammachiisu illee dubbateera.
Mul’ata ijoollummaa isaan waa kalaquuf qabu kanas dhaabbata dhuunfaa isaa “Yonas Solutions” jedhamu Finfinnee keessatti banuun dhugoomsuu isaa AMN Dijitaal’f ibseera.

Hojiiwwan kalaqaa isaa keessaa tokko maashiniiwwan bunaa biyyuma keessatti oomishamuun, maashiniiwwan biyya alaatii seenan hambisanidha.
Yoonaas akka jedhutti hojii maashinii bunaa kanaan bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa beekamtii argateera.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) akkasuma beekamtii akka isaaf kennan ibseera.
Yoonaas walitti hidhamiinsa gabaa gama mootummaan isaaf mijateen, Itoophiyaan ala Angoolaatti argamuun hojiilee kalaqaa isaa agarsiisuufi beeksisuuf carraa argateera.
Dhaabbatni Yoonaas Solutions yeroo ammaa dargaggoota 25 caalaniif carraa hojii kan bane yoo ta’u, dargaggootni kunneen carraa hojii argatanii jireenya isaanii ittiin gaggeeffatan caalaa mul’ata waa kalaquu fi gara fuulduraatti bakka guddaa gahuu illee isa irraa akka qooddataa jiran himeera.
Dhaabbatni “Yonase Solutions” Magaalaa Finfinnee Mandara Indastirii Gooroo Wojiitti argama.
Dhaabbata kana keessatti hojiilee sibiilaa gabaa biyya keessaaf oolan qofa miti kan oomishamu.
Itoophiyaan gama Maanufaakichariingiin gahee olaanaa gabaa addunyaa keessatti dorgomaa tahaa kan jirtu yoo ta’u, Yoonaas gumaacha isaa ba’achuuf waan danda’e hunda raawwachaa jiraachuu hima.
Waggoota darban keessattis, hojiilee maanufaakichariingii isaan badhaasotaa fi waraqaawwan ragaa garaa garaa akkasumas beekamtii argachuu isaa dubbateera.
Birhaanuu Warqinaatiin qindaa’e