Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen dargaggoo miidiyaa hawaasummaa fayyadamee hojiilee gaarummaa hedduu hojjechuun beekamufi dhibee hamaan qabamee yaalamaa jiru Maaster Abinnetiin gaafatan.
Aadde Adaanech Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin “Hojii gaarummaatiin dargaggoota hedduuf fakkeenya taateetta, uumaan guutummaan akka si fayyisu siif kadhanna” jedhaniiru.
Fakkeenyumaan isaa dargaggoota hojii gaarummaa irratti akka bobba’an taasisa jedhaniiru.