Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojii sadarkaa biyyaatti hojjatamaa jiruun, sagantaa Maaddii Guutuun hojii milkaa’aa hojjatee bu’aan galmeessise cimee itti fufuu akka qabu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Komishiniin Qonnaan Bulaa fi Misooma Qonnaa Magaalaa Finfinnee, jiraattota hojii qonnaa magaalaa irratti bobba’an kutaalee bulchiinsa magaalichaa hundumaaf galteewwan qonnaa raabseera.
Komishinichi kutaalee magaalaa 11 tti jiraattota Kuma Tokkoo fi 200 ta’aniif lukkuuwwan killee buusan Kuma 12, Manneen lukkuu 240 akkasumas nyaata lukkuu kuntaala 240 fi paampiiwwan bishaanii 68 kuduraa fi muduraa ittiin oomishuuf oolan raabseera.
Ministeera Qonnaatti Deetaan Ministiraa Misooma Beeyiladootaa fi Qurxummii Fiqiruu Raggaasaa (PhD) hojii wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjatamaa jiru biratti Maaddii Guutuun bu’aan jajjabeessaan galmaa’aa jiru kun cimee akka itti fufu yaadachiisaniiru.
Komishinarri Komishinii Qonnaan Bulaa fi Misooma Qonnaa Magaalaa Finfinnee Obbo Baayyuu Shigguxee gama isaaniin, “waggoota Afran darbanitti carraa hojii gama qonnaan magaalaatti keessatti uumameen lammiilee miliyoona tokko caalan fayyadamoo taasisneerra” jedhan.
Keessumaayyuu sagantaa Maaddii Guutuun maatii irra darbee dhiyeessii oomisha nyaataa Magaalaa Finfinnee guddisuu fi gabaa tasgabbeessuunis akka danda’ame ibsaniiru.
Alamuu Ilaalaatu gabaase