Manni Maree Federeeshinii milkaa’ina Kabaja Sadaasa 29’f gumaacha Addis Miidiyaa Neetwoorki bahateef beekamtii kenne
Manni Marichaa sadaasa 29 guyyaa Saboota Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaa irratti qaamolee gumaacha taasisaniif badhaasaafi beekamtii kenne.

Haaluma Kanaan Manni Marichaa AMN karaa miidhagaafi milkaa’ina qabuun ayyaanicha karaa guutuu ta’een uwwisa miidiyaa waan taasiseef beekamtii kenneera.
Hoji Raawwachiisaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaas badhaasicha Afa-yaa’ii mana maree Federeeshinii obbo Aganyawu Tashaagar irraa fudhataniiru.
Abdiisaa Fufaatu gabaase