Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa miididyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin “Itoophiyaan jijjiiramaan booda misooma tuurizimiin iftee bahaa jirti” jedhan.
“Galmee Tuurizimii wayita ilaallu haala teessummaa lafaa, seenaa ba’ee hin mul’atin, qabeenya maaddiin hin dhiyaannee fi miidhagina ifatti bahee hin mul’annetu jira” jechuun ibsaniiru.
Jijjiiramni waggoota muraasa darbanitti damee tuurizimiin mul’ate utubaawwan haaraa misooma turizimii rakkoolee bara dheeraa kana hunda furan akka uume kaasaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa tuurizimiin dhagaa bu’uuraa dinagdee akka ta’uuf ciminaan hojjachuus eeraniiru.
Obbo Tamasgeen “Yeroo ammaas firiin dadhabbii Itoophiyaa sassaabamaa jira, midhaan carraaqqii biyyaalessaa sassaabamaa jira” jedhaniiru.
Milkaa’inni dinqisiisaan kun hojii Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad kan damee kana mul’ata ifa ta’een ilaalan, yaad-rimee turizimii sirreessuu irraa eegalee hanga hoggansa biyyaa fi dhaloota irratti xiyyeeffate kennuurraa kan madde ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaa hubachiisaniiru.
Bu’aan har’a dame tuurizimiin mul’ataa jiru akka milkaa’inaatti kan ilaalamuu danda’u ta’uu ibsaniiru.