Daawwannaan Yuutiyuubarri beekamaan “IShow Speed” Itoophiyaatti taasise sadarkaa addunyaatti xiyyeeffannaa guddaa argateera.
Keessumaayyuu hordoftoonni isaa miliyoonaan lakkaa’aman tamsaasa kallattii (Live Stream) fi miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan hordofaa akka turan ilaalcha Itoophiyaa fi Afriikaaf qaban haalaan jijjiireera.
Daawwannaa “IShow Speed” Itoophiyaatti taasise kan gabaasan miidiyaaleen idil addunyaa garaa garaa garee gurguddoo sadiitti qoodamuun ilaalamuu danda’u.
Sadarkaa duraatti miidiyaalee Teekinooloojii fi Dijitaalaa (Digital Entertainment News) gabaasan yoo ta’an daawwannaa “IShow Speed” Itoophiyaatti taasise hordofuun qabiyyeewwan baay’inaan ilaalamuu danda’an “viral” ta’an taatee isaa keessaa filachuun gabaasaa turaniiru.
Miidiyaan “Dexerto” addunyaa irratti oduu taphaa fi namoota dhiibbaa uumuun beekaman gabaasuun beekamu simannaa “IShow Speed”f Finfinneetti taasifamee fi qabiyyeewwan bashannansiisoo inni dabarsaa ture irratti fuuleffachuun gabaaseera.
Miidiyaan “DramaAlert” jedhamu ammoo sochii daawwannaa IShow Speed Aadaa Itoophiyaa beekuuf tattaaffii inni taasisaa turee fi haala sochii hordoftoota isaa bira ture dabarseera.
Miidiyaan “Sportskeeda jedhamuu ammo daawwannaa IShow Speed Finfinneetti yoo shubbisu, uffata aadaa uffachuu fi qabiyyeewwan aadaa Itoophiyaan wal qabatan irratti hirmaate hordofuun dhiyeesseera.
Gama biraatiin, sadarkaa 2ffaa irratti dhaabbileen oduu addunyaa fi miidiyaaleen biyyoota ollaa daawwannaa IShow Speed ajandaa isaanii duraa taasifachuun gabaasaniiru.
BBC News (Africa/Digital) filannoo dijitaalaa isaan daawwannaa IShow Speed biyyoota Afrikaafi Itoophiyaa keessa deemuun taasise dargaggoota biratti kaka’umsa uumuu isaa gabaasa gabaabaa fi viidiyoon maxxanseera.
Miidiyaan addunyaa biyya Turkiyee “TRT World” jedhamu akkaataa Itoophiyaan imala IShow Speed itti fayyadamuun addunyaatti ittiin of beeksifte gabaaseera.
Citizen TV fi miidiyaaleen Keeniyaa biroo daawwannaan IShow Speed Itoophiyaatti taasise dhiibbaa guddaa Baha Afrikaa irratti akka qabu bal’inaan gabaasaniiru.
Dhumarrattis, miidiyaaleen hawaasaa dhiibbaa guddaa uumuun beekaman (Influencer Media) daawwaannaa IShow Speed Itoophiyaatti taasise daawwattoota miliyoonan lakkaa’aman biraan gahaniiru.
Miidiyaaleen hawaasummaa Daily Loud fi Pubity fuula X (Twitter) fi Instagram isaanii irratti sochii IShow Speed Finfinnee keessatti hordoftootaan marfamee jiruu fi aadaa Itoophiyaa wayita beeksisu viidiyoo heddumminaan daawwatamaniin qoodaniiru.
Miidiyaan Complex jedhamu kan oduu bashannanaa fi aadaa dhiyeessuun beekamu imala IShow Speed Afrikaatti taasise akka taatee guddaatti gabaaseera.
Gama diplomaasii aadaatiin uffata aadaa Itoophiyaa uffachuun, nyaata aadaa nyaachuu fi ilaalcha qajeelaa mul’isuun isaa tuurizimii Itoophiyaaaf beeksisa guddaa ta’uu miidiyaaleen gabaasaniiru.
IShow Speed Awurooppaa qofatti osoo hin taane Afrikaa keessattis, keessumattuu Itoophiyaa keessatti jaalatamummaa guddaa qabaachuun isaa kan nama dinqisiisu ta’uun ibsameera.
Dhumarrattis, imalli IShow Speed gara Itoophiyaatti taasise ajandaa siyaasaa caalaa miidiyaalee bashannanaa fi teekinooloojii xiyyeeffannoo olaanaa argachuun isaa filmaatilee miidiyaa hawaasummaa fi dhaabbilee oduu adda addaa irraa argame ni mul’isa.
Shuumii Badhaasootiin