Magaalaan Finfinnee Ayyaana Cuuphaa jaalalaafi tokkummaan kabajuuf qophaafterti- Aadde Liidiyaa Girmaa

You are currently viewing Magaalaan Finfinnee Ayyaana Cuuphaa jaalalaafi tokkummaan kabajuuf qophaafterti- Aadde Liidiyaa Girmaa

AMN PLUS-Amajjii 8/2018

Ayyaana Cuuphaa qabeenyaa uummata Itoophiyaafi addunyaa ta’e bu’uura duudhaa isaa eeggateen kabajuun, maqaa gaarii biyyaatti guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ibsan.

Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Komishinii Poolisii Finfinnee, Dhaabbilee Gumii Abbootii Amantaa Magaalaa Finfinnee fi Mana Amantaa Ortodoksii Walooma Itoophiyaatti Kutaalee Lallaba Magaalaa Finfinnee waliin ta’un haala kabajaa Ayyaanaa Kataraafi cuuphaa irratti waloon marii waliigalaa gaggeessaniru.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana Amantaa hawaasummaa cimsuufi guddina diinagdee akkasumas maqaa gaarii biyyaaf gumaacha olaanaa akka qabu Barreessaa Olaanaan Gumii Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Finfinnee Soortuu Taammiraat Abaagaaz.

Ayyaanni cuuphaa bu’uura Amantaan nagaa, jaalalaafi tokkumaa kan ittin barsiifamu akka ta’es Mana Amantaa Ortodoksii Walooma Itoophiyaatti Paappaasin Kutaa biyya Lallabaa Silxee, Haadiyaafi Magaalaa Finfinneefi Waliitti Qabaa Gumii Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Finfinnee Abuune Hiriyaaqoos dubbataniiru.

Magaalaan Finfinnee heddumina Saboota, Sablammootaafi Uummattoota of keessaa akka qabdu kan himan Aadde Liidiyaa Girmaa,ayyaana guddaa UNSCO irratti galmaa’e kana milkaa’inaan akka kabajamuuf gaheen mootummaafi Abbootii Amantaa olaanaa akka ta’e ibsaniiru.

Ayyaanaa jaalalafi obbolummaa kana haala maqaa gaarii biyyaatti addunyaati mul’isuu danda’uun kabajuuf hirmaannaan hawaasa hundaatuu akka barbachisus Aadde Liidiyaan hubachiisaniiru.

Dirribaa Yaadataatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply