Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa akkaataa duudhaa isaa eegeen kabajamuu qaba – Abunee Saawiiroos

You are currently viewing Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa akkaataa duudhaa isaa eegeen kabajamuu qaba – Abunee Saawiiroos

AMN PLUS – Amajii 9/ 2018

Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa akkaataa duudhaa amantummaa isaa eegeen kabajamuu qaba jedhan Hogganaa Olaanaan Waajjira Mana Lubummaa Waliigalaa Eebbifamoo Abunee Saawiiroos.

Hogganaa Olaanaan Waajjira Mana Lubummaa Waliigalaa Teessoo Paatiriyaarikii fi Angafni Phaaphaasii biyyoota lallaba Shawaa Kibba Lixaafi Magaalaa Shaggar eebbifamoo Abunee Saawiiroos Hordoftoonni bifa duudhaa gaarummaa hordofeen ayyaanicha akka kabajatan waamicha dhiyeessaniiru.

Wayita ayyaanicha iccitii cuuphaan hundeeffamee fi kennaa ijoollummaa cuuphaarraa argamu yaadachuun murteessaa ta’uu ibsan eebbifamuu Abunee Saawiiroos kabaja ayyaanichaa ilaalchisee ibsa kennaniin.

Hordoftoonni amantichaa ergaawwanii fi mallattoowwan kabaja ayyaanichaa faallessanirraa of qusachuun afuura gaarummaa fi walummaan kabajuu akka qaban dhaamaniiru.

Gochawwan nageenya, jaalalaa fi tokkummaa lallaban raawwachuun murteessaa ta’uu eeran.

Ayyaanichi ayyaana nageenyaa, eebbaa fi fayyinaa akka ta’u hawwaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply