Dhaabbilee fedhii ummata miiliyoona 130 baachuu danda’an ijaaraa jirra – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Dhaabbilee fedhii ummata miiliyoona 130 baachuu danda’an ijaaraa jirra – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Amajii 8/2018

Konfiraansii ”Guddina Faayinaansii Itoophiyaatti” jedhurratti Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) yaadaa fi gaaffii ka’aniif deebii kennaniiru.

Dhaabbilee akkaataa ummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 baachuu danda’u uumuuf ijaarsa isaanirratti irratti hojjenneerra jedhan.

Rifoormii dhaabbilee hundeessuuf ka’umsi fedhii ta’uu ibsan.

Kanaafis yaadni bu’uura ta’uu fi Yaada kan maddisiisuus kan baatus dhala namaati jedhan.

Namni yaada qabuun dhaabbilee ijaaruun jijjiirama fiduu akka qabus dhaaman.

Dhimmoota ijoo dhaabbilee keessa jiraachuu qaban keessa amanamummaa, iftoominni, itti gaafatamummaa, gurmaa’insa cimaa, of fooyyeessuu fi kan baratamu ta’uu isaan yaadni hedduu bira akka gahu taasisuun akka danda’amu eeran.

Wayita damee Faayinaansii jijjiiruu eegallu, imaammataan, hojmaataan, hoggansaan ammayyeessuu dhaabbilee barbaadantu ture jedhan.

Osoo dhaabbileen sirnaan hin ijaaramin dhiibbaa fiduun kan hin danda’amne ta’uu ibsan.

Haa ta’uutii ijaarsa dhaabbileerratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu ibsaniiru.

Dhaabbilee murteessoo ta’an akka haaraatti hundeessaa, kan duraan turan ammoo addunyaa faana tarkaanfachuu akka danda’anitti ammayyeessuun xiyyeeffannoon ijaarsa dhaabbilee irratti hojjetaaa jira jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply