Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti Magaalaan Baatuu Ayyaana kataraafi cuuphaa Qarqara hara Dambalitti kabajamuuf qophii xummuurtetti.
Harri Dambal kan Magaalaa Baatuu marsee argamu hara seena qabeessaafi odoloota gurguddoo Shan qabu yamuu ta’u, odolli Galiilaafi Dabra Siinaa odola namni irra jiraatuufi bakka waaqeffannaa amantii Ortodoksiiti.

Taabonni odoloota kanneeniifi Magaalaa Baatuufi naannawa isheetti argamu bakka bultii isaanii irraa bahuun Qarqara hara Dambalitti kataraafi cuuphaan ni kabajama.
Magaalaan Baatuus ayyaanichi karaa duudhaa afuurawaa isaa eegeen akka kabajamuuf qophii xumurteetti.
Ayyaanicha sababeeffachuun Wal dorgommiin yabala aadaas hara Dambal irratti gaggeeffameera.
Sisaay Dirribaatu Gabaase