Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 52ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Haaluma kanaan:-
1.Wixinee Labsii Gumrukaa irra deebiin fooyyessuuf dhiyaaterratti mari’ateera.
Labsiin Gumrukaa yeroo ammaa hojiira jiru baroota dheeraaf tajaajiluu hordofee, qajeelfamoonni labsichaa guddina Daldalaa Addunyaa si’anaa kan hin madaalle ta’uu isaan irra deebiin fooyyessuun barbaachisaa ta’ee argameera.
Manni marichaas labsii Fooyya’ee dhiyaaterratti bal’inaan erga mari’atee booda sagalee guutuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf qajeelcheera.
2.Akkasuma manni marichaa wixinee dambii Taaksii fi Qaraxa Invastimantiif kennamu jajjabeessuuf qophaa’eerrattis mari’ateera.
Dambichi barbaachisaa ta’ee argamuu isaan guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun raggaasiseera.
3. Dhumarrattis Wixinee Imaammata Misooma Interpiraayizii qophaa’erratti mari’ateera.
Imaammaticharratti galteewwan dabalaataa barbachisan dabalamuun guyyaa mana marichaan ragga’e, har’aa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.