AMN PLUS- Amajjii 14/2018
Finfinneen Kantiibota magaalota Afriikaa garagaraafi naannolee irraa dhufaniif muuxannoo qooduu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.
Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, “Finfinneen dirqama sadarkaa ardiitti qabdu sirnaan bahachuun, obboloota keenya Afriikaaf wiirtuu muuxannoo taateetti” jedhan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afriikaa (UNECA) bulchiinsa Faayinaansii magaalota Afriikaa irratti qorannoo taasifameen Finfinnee ulaagaalee 6 keessa 5 galmeessuusheen muuxannoo akka qooddu filamuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Qorannoon kun Finfinnee dabalatee magaalota Afriikaa jaha (Naayiroobii, Daaresalaam, Lusaakaa, Kiigaaliifi Yaawundee) taasifamuun, Finfinneen raawwii caalmaa galmeessuun 1ffaa ta’uu dandeesseetti jedhan.
“Keessumaa bulchiinsa faayinaansii galiifi baasiitiin, riifoormiin magaalaan keenya eegalte bu’a qabeessaa fi magaalota Afriikaaf fakkeenya ta’uu qorannoon kun mirkaneesseera” jedhaniiru.