Zimbaabweetti balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 109 darbe

You are currently viewing Zimbaabweetti balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 109 darbe

AMN PLUS- Amajjii 19/2018

Zimbaabweetti Balaa lolaa rooba cimaa roobe hordofuun mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 109 yoo darbu namootni 61 ammoo miidhamuu isaanii Ministeerri Eeegumsa Siivilii biyyattii beeksiseera.

Balaan kun kaleessa kan mudate yoo ta’u roobni cimaa kun namoota fudhatee deemuu fi laggeen guutuu akkasumas bakkeewwan albuuda itti baasanitti fottoqa qaqqabeen tahuu Ministeerichi ibseera.

Balaan kun bu’uuraalee misoomaa akka daandii, riqicha, manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa, manneen jireenyaa, qonna, hidha fi misooma jallisii mancaasuu eerameera.

Balaan lolaa kun sababaa obomboleettii ‘Idai’ jedhamuun akka hammaates ibsameera.

Zimbaabwee gama Kibbaatti ji’oota muraasa darbe keessatti balaan lolaa uumame lubbuu heddummootaa galaafachuun, qabeenyaa fi bu’uuraalee misoomaa hedduu mancaasuu isaa anga’oota biyyattii wabeeffachuun ‘Xinhua’ fi ‘Al Jazeera’n gabaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply