AMN PLUS- Amajjii 20/2018
Yaa’iin Dureewwan Gamtaa Afriikaa 39ffaa Magaalaa Finfinneetti taa’amu milkaa’inaan akka adeemsifamuuf qophii barbaachisaa taasisuu Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa beeksise.
Hogganaan Qajeelcha Waliigalaa Ittisa yakkaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinarri Jeneraalaa Itti Aanaa Malaakuu Faantaa Finfinneetti baatiiwwan jahan darban walga’iin hoggantoonni biyyoota adda addaa, hogganttoonni dhaabbilee Idil Addunyaa fi dippiloomaatonni olaanoon hedduun irratti hirmaatan adeemsifamuu ibsaniiru.
Waltajjiiwwan kunneen rakkoo tokko malee Milkaa’inaan xumuramuun ga’umsa poolisii fi dhaabbilee nageenyaa biroo kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.
Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 39ffaan Magaalaa Finfinneetti Milkaa’inaan akka adeemsifamuuf qophiiwwan barbaachisoon yaa’ichaan dura raawwatamuu qaban milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.
Nageenya Hoggantootaa fi keessummoota biyyoota adda addaarraa yaa’ichaarratti hirmaachuuf gara Finfinneetti dhufan haala Amansiisaa ta’een eeguu, sochii nageenyaa fi tiraafikaa qindeessuun dhimma murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Qaamolee Nageenyaa biroo waliin qindoomuun haala sadarkaa biyyattii gituun tasgabbii biyyattii mirkaneessuuf hojiin nagaa fi tasgabbii qindominaan akka raawwatamu ibsaniiru.
Yeroo keessummoonni gara biyyaatti seenanii eegalee hanga yaa’icha xumuranii gara biyya isaaniitti deebi’anitti eegumsaa fi tajaajiloota barbaachisoo biroo si’ataa fi amansiisaa ta’an kennuuf qophiin xumuramuu beeksisaniiru.
Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Gurraandhala 7 fi 8 Bara 2018 mata duree “ Dhiheessii Bishaanii Waaraa fi Sirna Eegumsa Qulqullinaa Nageenyi Isaa Eegame Mirkaneessuun, Milkaa’ina Galma Ajandaa Bara 2063’f ” jedhuun Waajjira Muummee Gamtichaa Magaalaa Finfinneetti argamutti adeemsifama.
Madda: ENA