Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Saba Geedi’oo ‘Daraaroo’n Magaalaa Finfinneetti kabajame

You are currently viewing Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Saba Geedi’oo ‘Daraaroo’n Magaalaa Finfinneetti kabajame
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS-Amajjii 20/2018

Jijjiirraa bara haaraa Saba Geedi’oo ‘Daraaroo’n kuusaa hambaalee addunyaa UNESCOtti galmeessuuf tumsi akka barbaachisu Bulchaan Godina Geedi’oo Zinaabuu Waldee (PhD) ibsan.

Kabaja ayyaana Daraaroon kana waliin sirnootni garagaraa shan akka raawwataman kan ibsan, Itti Gaafatamaan Aadaafi Ispoortii Godina Geedi’oo Obbo Darribee Jinoo jalqabarratti sirna “Faacee” jedhamutu raawwatamaa jedhaniiru.

Sirni Faacee kunis sirna araaraa yoo ta’u, namoota waldhabdee qaban walitti araarsuun ykn dhiifama waliif taasisuun ayyaana kana jaalalaafi tokkummaan akka waliin kabajatan ta’uu isaas ibsaniiru.

Inni biraa kabaja ayyaana Daraaroon irratti kan raawwatamu sirna “Hulluuqaa” yoo ta’u; sirni kunis barri haaraan dhufu kan nagaa, kan hormaataafi gammachuu akka ta’uuf hulluuqqoo leemmana, meexxiifi muka goraa irraa hojjetamee jalaan hulluuquun kan kabajamuu ta’uu isaa Obbo Darribeen himaniiruy.

Sadaffaan sirna Gumaataa yoo ta’u, Abbaa Gadaatif gumaata kennuudha. Sirni afraffaan Daraaroo jedhamuun kan beekamuu yoo ta’uu sirna cidhaa kan maaddiifi mijuu of keessaa qabuu bunaa, bulbula dammaa eebbifachuun kan biifatan akka ta’es kaasaniiru.

Sirni inni xumuraa shanaffaan kabaja Daraaroon irratti raawwatamuu sirna lallabaa yoo ta’uu seeroota ittin wal bulchaaniifi aadaa qusannoo fa’a uummataaf labsuu akka ta’ees eeraniiru.

Ayyaanni Jijjiirraa bara haaraa Saba Geedi’oo Daraaroon akka waliigalaatti Amajjii 30, bara 2018 Magaalaa Diillaatti kan kabajamu ta’uu isaas ibsameera.

Abdiisaa Fufaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply